Dargaggoonni magaalaa Finfinnee araada gara garaarraa akka of eegan hojii garagaraa hojjetamaa jira

You are currently viewing Dargaggoonni magaalaa Finfinnee araada gara garaarraa akka of eegan hojii garagaraa hojjetamaa jira

AMN PLUS – Amajjii 20/2018

Biiroon Dargaggoofi Ispoortii Magaalaa Finfinnee, dargaggoonni gochaawwan miidhaa geessisan, baala sammuu adoochuufi araada adda addaarraa akka ofeegan gochuuf waltajjii hubannoo uumuu qopheesse.

Hogganaa Itti aanaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Magaalaa Finfinnee Obbo Kibra’alam Damissee dargaggoo fayyalessaafi oomishawaa ta’e horachuun guddina biyyaa milkeessuun kan danda’amu, baala sammuu namaa adoochuufi araada gara garaarraa fagaachuun yoo danda’ame jedhan.

“Miidhaa wantoonni kunniin geessisan dargaggoota hubachiisuun barbaachisaadha, waltajjiin kunis kanaaf qophaa’e” jedhan.

Biirichi dargaggoota Araada gara garaan qabamanis dandamachiisuuf hojii bal’aa hojjetaa jiraachuu himan.

Dargaggoonni yeroo hedduu gara araadaan qabamuutti kan galan bakkeewwan oolmaa dhabuun ta’uu hubachuun yeroo ammaa giddu galoonni Oolmaa Ispoortii hedduun ijaaramuun tajaajila kennaa jiru jedhan.

Gochaawwan barmaatilee miidhaa geessisan jiran keessaa tokko ittifayyadama miidiyaa hawaasaa ta’uu eeruun dargaggoonni miidiyaa hawaasaa isaanii waan faayidaa qabuuf qofa fayyadamuu akka qaban dhaaman.

Anuwaar Firriisaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply