AMN PLUS- Amajjii 22/2018
Taphataan duraanii Arsenaal Baakaarii Saanyaan Itoophiyaa daawwachuun tuurizimii ispoortiif ga’ee guddaa qabaata jedhan Ministirri Tuurizimii Salaamaawiit Kaasaa.
Bakeewwan ispoortii magaala Finfinneetti ijaaramaa jiran fi xiyyeeffannaan damichaaf kenname ispoortessitoota bakka bu’oota ykn guddattoota horachuuf abdii kan kennu ta’uu waqtii mariisaaniitti kaasaniiru.
Baakaarii Saanyaa Godambaa Yaadannoo Adwaa fi Paarkii Tokkummaa dabalatee bakkeewwan adda addaa daawwachuu fi bakkeewwan magaalattii adda addaa daawwate ilaalcha duraan waa’ee Itoophiyaa irratti qabaachaa ture akka jijjiiran dubbachuu isaa eeraniiru.
Keessumaa ispoortessitooti Itoophiyaa jaal’atan simannaa ho’aan isa simachuun isaanii akka isa gammachiises Saanyaan ibseera.
Urjiiwwan akka Baakaarii Saanyaa beekkamtii idil addunyaa qaban gara argama dhala namaa Itiyoophiyaatti dhufuun Tuurizimii Ispoortiif ga’ee olaanaa qabaata jechuu odeeffannoon Ministeerichi nuuf erge ni mul’isa.