Qabiyyee jiidhiinsa lafaa eeguuf Misooma Qarqara lagaa, Ashaaraa Magariisaafi Misoomni Sululaa, fala waaraa ta’uu himame

You are currently viewing Qabiyyee jiidhiinsa lafaa eeguuf Misooma Qarqara lagaa, Ashaaraa Magariisaafi Misoomni Sululaa, fala waaraa ta’uu himame

‎AMN PLUS – Amajjii 25/2018

Guyyaan Lafa Jiidhaa Addunyaa (World Wetland Day) akka Itoophiyaatti Qiindeessummaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Federaalaatin kabajamaa jira.

‎Kaayyoo ijoon guyyaan kuni kabajamuuf faayidaa lafti bishaan qabatanii akka addunyaatti eegumsa naannoofi madaala ummamaa tiksuu keessatti qaban hawaasaaf hubannoo uumuuf ta’uu eerameera.

‎Itoophiyaaniis biyya qabeenya lafa jiidhaan badhaatee yoo taatu, qabeenya kana kununsuufi eeguuf hojiiwwan hubannoo uumuu cimee itti fufuu himameera.

‎Lafti bishaan qabatan jedhaman naannolee bishaaniin uwwifaman ykn yeroo dheeraaf bishaan of keessatti qabachuun bonaafi ganna jidhiinsaan turaniidha.

‎Daarektarri itti aantuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Federaalaa aadde Fireenesh Makuriyaa, guyyicha ilaalchisuun eergaa dabarsaniin lafti jiidhiinsa olaanoo qaban, akka haroo, laggeen, fi lafa jiidhiinsa qaban kan akka lafa caffee jedhamuun beekaman kunneen qabeenya uumamaa jireenya lubbu qabiyyeefi uumama deeggaru keessatti gahe guddaa kan qabaniidha jedhan.

‎Gama biraan lafti bishaan qabatan kunneen bishaan qulqulluu eegu, lolaa hir’isu, akkasumas qilleensa sirreessu keessatti gahee guddaa qabus jedhaniru Addee Firenesh.

Ogeeyyiin eegumsa naannoo akka jedhanutti, manca’iinsi qabeenya lafa jiidhaa duraam ture, amma misooma Qarqara lagaa, Ashaaraa Magariisaafi Misooma Sululaan bayyanachaa jiraachuu himan.

‎Kaasiyyee Maanguddaatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply