AMN PLUS- Amajjii 26/2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) “Qaamoleen Itoophiyaa miidhuu barbaadan jiru; garuu amanaa tasumaa Itoophiyaa diiguu hin danda’an” jedhan.
Ministirri Muummee Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti dhiyaachuun gaaffilee fi yaada miseensota Mana Marichaa irraa ka’eef ibsaa fi deebii kennaniiry.
“Alagaa fi baandaan waliin ta’uun Itoophiyaa balleessuu barbaadan madeessuurra hin darban, nuti garuu Itoophiyaa ceesisuu keenya itti fufna” jedhaniiru.
Goototni akka Baalchaa abbaa Nafsoo fi Ligaabaa Bayyanaa, Lola Adawaa irratti hirmaatanii turan, Mootii Haayilasillaasee (Jaanhooy) irraa komii qabaatanis, yeroo waraanni Xaaliyaanii Itoophiyaa weeraruuf yeroo 2ffaaf deebi’ee dhufetti, wal dhabdeen isaanii Jaanoy wajjin malee Itoophiyaa wajjin waan hin taaneef, Xaaliyaanii loluu isaanii ibsaniiru.
Ministirri Muummee seenaan gootota kanaa “Hagam mufiin ykn garaa garummaan yaadaa jiraatu illee waa’ee faayidaa biyyaaf waloomuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Qaamoleen hidhatanii bosona keessa jiran tokko tokko birmadummaan Itoophiyaa tuqamuu akka hin barbaadne eeruun isaanis gama nagaatti dhufuun hawaasatti makamaa jiraachuu ibsaniiru.
Qaamolee muffii qabaniifi ammallee haala jiru hubachuun deebi’uu barbaadaniif mootummaan dhiifama gochuuf qophii ta’uu Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi kaasaniiru.
“Balbala marii banaa taasisuu qabna, sababni isaa nuti dhimmi keenya Itoophiyaa waan taateef” jechuun “naannolee garaa garaa keessaa qaamoleen jiraachuu ibsaniiru. Ba’uu irra deebi’uun faashinii ta’aa jira” jechuunis itti dabaluun dubbataniiru.
Birmadummaa Itoophiyaa kabachiisuuf waliin dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu kan kaasan Dooktar Abiyyi, diinagdee Itoophiyaa guddisuufi dhaabbata ijaaruun badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf hundumtuu tumsuu akka qabus dhaamaniiru.
Malkaamuu Abbabaatu Qindeesse