AMN PLUS- Amajjii 27/2018
Abbaa Simbirroo Naayiroobii ‘Nairobi Birdman’ jedhaniin, dargaggeessa daandiiwwan magaalaa Guddoo Keeniyaa Naayirobii dawoo godhatee, simbirrootaaf ammoo dawoo ta’uuf kanaan.
Roojers Ooluu Maagotaa jedhama. Dargaggeessi ganna 27, kun guyya guyyaan magaalaa keessa olii fi gadi deemuun simbirroota miidhaman barbaaduun kunuunsa.
Sababa kanaan ‘Abbaa Simbirroo Naayiroobii; Kunuunsaa simbirroota Keeniyaa dawoon qabne jedhamuun beekame.
Simbirrootni kunneen akkuma waan kunuunsa inni isaaniif taasisuu fi jaalala inni isaaniif qabu beekanii mataa fi saggoo isaa irra taa’uun midhaan dheedhii sooratu.
Haga isaan gara bosonaatti deebi’anitti, dawoo dhabeessa dawoo ta’eef waliin turu.
Simbirrootni tokko tokko isa dhiisanii deemuuf fedhii akka hin qabne kan ibsame yoo ta’u, innis waan argate hundaa simbirroota kanaaf qoodee yeroo isaa faana dabarsuutti akka gammadu ibseera; nama caalaa waan itti hiriyoomaniif bakka guddaa qabaaf.

Hiriyummaan Maagotaa fi Simbirrootaa kun bara faranjootaa darbe 2025 gara jalqabaa eegalame.
Namootni magaalaa Naayiroobiitti isa marsanii yoo mul’atan illee simbirrootni kunneen hin saalfatan, mataa fi gateettii isaa, irree isaa irra qubatanii waliin taphatu; waca isaanii miidhagaan gurra isaatti hasaasu.
Maagotaan waggoota shanan darban keessatti guyyuu gara Paarkii Biyyaalessaa Naakuruu dhaquun simbirroota akka filaamingoo, istoorkis, kaayitii guraachaa fi kanneen biroo daawwachuun akka isa gamaachiisu dubbata.
Guyyaa tokko simbirroon kaayitii miidhamtee dhiyeenyatti mul’attu gargaarsa isaa waan barbaadde itti fakkaate. Waan inni gochuufii danda’u hambaa nyaataa namootni kennaniif qooduufii ture.
Simbirroon miidhamtee turte bayyanachuu ishee arge. Baay’ee gammades. Maqaa simbirroo kanaa Joonsan jechuun moggaasuun,bakka deeme hundatti wal biraa hin dhabaman. Kanumaan hiriyooman.
Simbirrootni amanamummaa Maagotaa, Joonsan irraa hubatan, simbirroota miidhaman biroo gara isaa fiduu eegalan. Namni simbira waliin isa arge, simbirroota biroo gara isaa fiduu eegale.
Leenjii fi barnoota kunuunsa bineensotaa tokko malee simbirroota kunuunsuu itti fufe. Yoo dhibaman wal’aanee fayyisuun gara bosona keessaa dhufaniitti deebisa. Kan akka Joonsan ammo tasumaa irraa adda bahuun feeneefi ooltee fi bultee isaanii daandiiwwan Naayiroobii irra Maagotaa waliin taasifatanis jiru.
“Namootni simbirroota waliin na argan waanan humna addaa ykn raajii wayii fayyadamee gara kootti waamu itti fakkaata.
Ta’us, gaheen koo gargaaruu, kunuunsuu fi yeroo fayyan ammo gara bosonaatti deebisuudha” jedheera.
Dargaggeessi dawo-dhabeessi Naayiroobii kun Haga ammaatti gosa simbirrootaa 20 ol dawoo rbayyanachiisee gara dawoo isaaniitti deebisuu kan gabaase Oddity Central gargaaruuf garaa gaarii malee qabeenya qabaachuun qofti gahaa akkan taane hubachiiseera.
Kunuunsi inni naannoo fi simbirrootaaf gochaa jiru kunis miidiyaa hawaasummaa garaa garaa irratti qoodamaa akka jiru ibsameera.