AMN PLUS-Guraandhal 03/2018
Injifannoon Adawaa wal-qixummaa sochii bilisummaa gurraachoota kan sochoose biyyoota Afrikaa kanneen biroofillee bu’uura akka ta’e Yuunivarsiitii Bulee Horaatti Qorataan Misoomaafi Nageenya Afrikaa Galchuu Jaaroo (PhD) ibsaniiru.
Sochiin mirga walqixxummaa gurraachotaa Itoophiyaatti eegalame itti fufuun Ameerakaa Kaabaa keessattu sochii walqixxummaa gurraachotaafis ka’umsa akka ta’e Dr. Galchuun turtii AMN PLUS waliin taasisaniin ibsaniiru.
Sochiin walqixxummaa gurraachotaa kunis babal’achuun booddee ilaalcha Afrikaan bilisoomuu qabditti kan tarkaanfate pan-Afrikaanizimii akka hundeeffamuu taasiseera jedhan Dr. Galchuun.
Kanaaf ammoo injifannoon Adawaa ka’uumsa waan ta’ef wiirtuun Paan-Afrikaanizimii Itoophiyaa akka ta’uuf gumaacha olaanaa qabas jedhaniiru. Yaadni Pan’Afrikaanizimiis Afrikaan tokkoomuu fi bilisoomuu qabdii kan jedhu akka ture Dr. Galchuu Jaarsoo yaaddachiisaniiru.
Boodde dhaabbanni tokkummaa Afrikaallee Pan-Afrikaanisim irraa ka’uun akka hundeeffame kan kaasan Dr. Galchuun, yaadni ijoon isaanii Afrikaan sirna bittaa kolonii warra adii jalaa bahuu qabdi kan jedhuu akka ture himaniiru.

Itoophiyaan bu’uura ibsituu bilisummaa warra gurraachotaa waan taatees dhaabbileen tokkummaa Afrikaa kunneen Itoophiyaa keessatti akka dhaabbataniif sababa isa ijoo akka ta’ellee Dr. Galchuun dubbataniiru.
Dhaabni kunis amma gara Gamtaa Afrikaatti wanni jijjiirameefis Afrikaan gabrummaa irraa bilisaa waan baateef gara qabsoo guddina diinagdeetti xiyyeeffachuun Gamtaan Afrikaa kuni hundaa’uun hojjeta jiras jedhaniiru.
Teessoon Gamtaa Afrikaa akka Itoophiyaa ta’uuf tokko ulaagaan koloneeffatamuu dhabuu Itoophiyaa yoo ta’uu hirmannaan qabsaa’ota yeroosanis gumaacha guddaa akka qaban ibsameera.
Durirraa eegalee qabsoon Itoophiyaan tokkummaa Afrikaa ijaaruuf taasisaa turte guddaakan ta’uu kaasuun, ammas taanaaan bilisummaa diinagdee Afrikaa cimsuuf gumaachi hoggantootni Itoophiyaa Gamtaa Afrikaa keessatti taasisaa jiran olaanaa akka ta’e Yunivarsiitii Wallagaatti Barsiisaafi Qorataan Siyaasaa Guutamaa Daani’eel (PhD) ibsaniiru.
Kanaaf ammoo agarsiistun dippiloomaasiin Gamtaa Afrikaa wiirtuun isaa Finfinnee akka jiru kan himan Dr.Guutamaan , hoggantootni biyyoota Afrikaatuu abdii guddaa akka qaban dubbataniiru.
Itoophiyaan giddugalaa biyyoota Afrikaa akka taatu wantootni mul’isaan waan baay’een akka jiran kan ibsan Dr. Galchuun, isaan keessaa inni tokko dhaabbata tokkummaa Afrikaa duraan jiru bifa haaraatiin teekinooloojiidhan deeggaramee ijaaraame asuma Finfinnee jiraachuun isaa agarsiistudha jedhaniiru.

Dr. Galchuun itti dabaluunis magaalaan Finfinnee Niwuyorkii fi Jenevaatti aantee magaalaa dippiloomaatootni hedduun keessatti argamuu ta’uu himuun , ammas taanan jijjiiramni magaalattin misoomaan mul’istee hedduu hawwaatamtuu akka taatu taasiseera jedhan.
Ministirri Muummeen Barbaadosutu Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa injiffannoo 2ffaa Adawaa jettee ibsuun isaanii suni carraaqqii Itoophiyaan tokkummaa biyyoota Afrikaa humneessuuf taaisaa jirtu kan agarsiisu ta’uu isaa Dr. Galchuun kaasaniiru.
Yaadni ardiin Afrikaa dukkana jechamuu sirna koloneeffattootarraa kan maddee yoo ta’ee warren biyyaa alaa ardii kana keesaa ifni akka hin jirre, beeksuu kan hin jirre akasumas namni kan keessa hin jirre jechuun ilaalchaa ardii kana dadhabsiisu irratti labsaa akka turan Galchuu Jaarsoo (PhD) ibsan.
Jaarraa 14fi 15ffaa uummata Afrikaa aadaa isaa qabuu lafa isaa qabu akkasumas uummata sirna bulchiinsaa Gadaa qabuu akka uummata qaroomina homaatuu hin qabneetti barreeffamootni adda addaa akka ardiin kuni abdii hin horanneetti seenaa isaanii barreessuuf irratti barreeffama akka ture Dr.Galchuu Jaarsoo kaasaniiru.
Qaamni gabroffachuuf dhufu kamiyyuu hamilee cabsuu, gadii qabuudhaaf malee guddinaaf akka hin taanee beekamaa ta’uun isaa seenaan kolonneeffattoota ardii Afrikaa kan agarsiisu ta’uu Guutamaa Daani’eel (PhD) ibsaniiru.
Haa ta’uu malee Afrikaan akka warri koloneeffattootaa itti yaadaa turan akka hin taanee, akkasumas ardii guutummaa qabdu, kan qaroomina qabdu, kan tokkummaa qabdu akka taate injiffannoon Adawaa raga akka ta’e Dr. Galchuu Jaarsoo himaniiru.
Kanaas kan mirkaneessuu qabeenyi albudaa uumamaan ardiin Afrikaa qabdu kan yeroo ammaa teekinooloojii jaarraa 21ffaa barbaadamu Afrikaa keessa jiraachuun isaa akkasumas humna namaa hojjechuu danda’uu gahaa waan qabduuf diinagdee addunyaatifuu bu’uuraa ta’uu kan dandeessuu akka taate Dr. Guutamaa Daani’eel himaniiru.
Biyyootni alaa qabeenya ardii Afrikaa saamuuf sirni koloneeffannaa isaan gaggeessaa turan sun biyyoota Afrikaa irratti rakkoo bulchiinsa daangaa, walitti bu’insa Afrikaa keessatti mul’ataa jiruuf sababa bu’uuraa akka ta’ellee Hayyoonno kunneen kaasaniiru.

Haa ta’uu malee Afrikaa keessaa Itoophiyaan biyya hin koloneeffatamiin yoo taatu kanaaf sababni biyyaa qaroomina baroota dheeraaf qabachaa turte kan jedhan Dr. Galchuun, biyya barreeffama qabdu, gibira sassaabaa kan turte, akkasumas bulchinsaafi hariiroo dippilomaasillee akka qabaachaa turte eeraniiru.
Keessattu sirna bulchiinsaa kan qaban yeroo kolanii san caasaa nageenyaa ijaarratanii qabanitti fayyadamuun koloneeffataaa dura dhaabbachuun injiffachuun akka danda’ame Dr.Galchuun kaasaniiru. Kuni ammo warra koloneeffattootaa saniifuuu waan addaa akka isaanitti uumee ibsaniiru.
Ammallee Itoophiyaan biyyoota Afrikaaf gummaachaa guddaa taasisaa jirti kan jedhan Dr. Galchuu Jaarsoo “amma immoo tattaaffi bilisummaa seenaa qofa osoo hin taane gama qabeenyaatillee hirmaannaa taasisuun biyyoota olla ibsaa jirti” jedhaniiru.
Gamtaan afrikaa karoora bara 2063 milkeessuuf cichoominaan hojjechuu akka qaban, Itoophiyaanis biyyaafi Magaalaa miidhagduu biyyootni biratillee irraa barachuu qabduu iiti fufiinsan misoomsuu akka qaban Hayyoon kunneen dhaamaniiru.