AMN PLUS- Guraandhala 5/2018
Filannoo Waliigalaa marsaa 7ffaaf guyyaan galmee filattootaa Guraadhala 7, 2018 eegaluuf ture gara Guraandhala 28, 2018 itti kan dheerate ta’uu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksise.
Hojiilee hojjatamaa jiran ilaalchisuun Walitti Qabduun Boordichaa Meelaatawarqi Hayiluun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Filannoo Waliigalaa marsaa 7ffaa Baatii Caamsaa 2018 gaggeeffamuuf guyyaan galmee filattoota Guraadhala 7, 2018 akka eegalu murtaa’ee ture, gara Guraandhala 28, 2018 kan jijjiirame ta’uu beeksisaniiru.
Filannoo barana taasifamu teekinooloojiin deeggeruun adeemsisuuf qophiirra jiraachuu ibsaniiru.
Dabalataanis, paartilee siyaasaaf sa’aatiin qilleensaa kennamu haqa qabeessa akka ta’u sabaa himaalee waliin gamanumaa hojjatamaa jiraachuu Walitti Qabduun Boordichaa himaniiru
Haala nageenyaa ilaalchisees mootummaa waliin ta’uun hojiin qophii duraa hojjatamaa jraachuu ibsaniiru.
Anuwaar Ahimad’tu gabaase