AMN PLUS- Guraandhala 6/2018
Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee raawwii hojii ji’oota jahan darban gamaaggamuun kallattii hojii fuulduraa irratti mari’ateera.
Hoogganaan Itti Aanaa Biirichaa, Obbo Biraanuu Rattaa, “Hojii qindoomina hawaasaafi qaamolee nageenyaa magaalaa akkasumas Magaalaa Shaggar waliin taasifameen nageenyaafi tasgabbii magaalattii mirkaneessuun raawwiin olaanaan galmaa’eera” jedhan.
Ayyaanota amantaa fi uummataa gurguddoo darbanis nageenya guutuun milkaa’inaan dabarsuun danda’amuu yaadachiisaniiru.
“Badhaadhinaafi nageenya hunda galeessa magaalaa keenyaaf hojjechuun milkaa’inoota gurguddoo galmeessuu dandeenyeerra,” jechuun Obbo Biraanuun ibsaniiru. Itti dabaluun, yakka ittisuuf tarkaanfiin fudhatame bu’aa qabatamaa argamsiisuun ibsameera.

Keessumaa gurmaa’iinsa raayyaa nageenyaa dargaggoota hirmaachise milkaa’ina argameef lafee dugdaa ta’uu himaniiru.
Akkasumas, yaa’iiwwan biyyaalessaa, kan ardiifi idil-addunyaa magaalattii keessatti baay’inaan gaggeeffaman nageenya amansiisaan xumuramuu danda’aniiru jedhaniiru.
Hoogganaan Itti Aanaan Biirichaa “nageenyaafi tasgabbii amma magaalattii keessatti argame itti fufsiisuufi cimsuuf qoodni hawaasaa murteessaadha” jechuun Filannoo biyyaalessaa dhufuufis ammuma irraa kaasee qophiin gahaan taasifamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Filannoon biyyaalessaa dhufu gama naga qabeessa, amanamaa ta’ee fi hirmaannaa uummataa mirkaneesseen taasifamuu akka qabu dhaamaniiru.
Hirmaattonni sagantichaas raawwii hojii baatiiwwan jahan darbaniin cimina argame jajjabeessuun, kallattiin hojii fuulduraa ifa ta’een kaa’amuu kaasaniiru.
Nageenyaafi tasgabbii magaalaa keenyaa bifa amansiisaan itti fufsiisuuf qaamni hundi qooda isaa bahachuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
Daraartuu Tarreessaatiin qindaa’e