“Yaa’ii Gamtaa Afriikaaf yeroo dhuftan Itoophiyaatti invast godhaa” Waajjira Ministira Muummee

You are currently viewing “Yaa’ii Gamtaa Afriikaaf yeroo dhuftan Itoophiyaatti invast godhaa” Waajjira Ministira Muummee

AMN PLUS- Guraandhala 06/2018

Ajandaa riifoormii biyya keessaan Itoophiyaan haala investaraaf dursa kennuufi zooniiwwan diinagdee investimantii kallattii alaaf mijatan qopheessuu Waajjirri Ministira Muummee ibse.

Waajjirichi ergaa hirmaattota Yaa’ii Gamtaa Afriikaaf dabarseen, Itoophiyaatti yoo invast gootan carraa gabaa bilisa Afriikaa fi carra gabaa addunyaaf qabdurraa gayyadamtu jedhe.

Hoggansa tarsiimawaa, anniisaa gahaa Hidha Haaromsaa dabalatee, Itoophiyaan anniisaa %98 ol madda haaromaa irraa akka dhiyeessitu eere.

Bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa, tajaajila teelee guddaa, humna hojii guddaa ogummaa horate waan qabduufis dameelee qonnaa, manufaakchariingii daldala elektiroonawaa, albuudaafi kanneen biroon investara keessummeessuun badhaadhina waloo Afriikaaf qophii ta’uu mirkaneesseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply