MM Abiyyi Ahimad PhD, Ministira Muummee Baarbeedos ta’uun yeroo 3ffaaf kan filaman Miyaa Mootileef ergaa baga gammaddanii dabarsan

You are currently viewing MM Abiyyi Ahimad PhD, Ministira Muummee Baarbeedos ta’uun yeroo 3ffaaf kan filaman Miyaa Mootileef ergaa baga gammaddanii dabarsan

AMN PLUS- Guraandhala 07/2018

Ministirri Muummee Baarbeedoos Miyaa Mootileen irra deebiin filatamuu hordofee Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Dooktar Abiyyi ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Ministirri Muummee Baarbeedoos Miyaa Mootileen yeroo 3ffaaf Ministira Muummee biyyattii ta’uun waan filatamaniif baga gammaddan jechaa gammachuu natti dhagahame ibsuun barbaada jedhan.

Diimokiraasii milkaa’aa uumuuf shaakala uummanni Barbeedoos taasise dinqisiifachuun, tattaaffii Ministirri Muummee Mootileen guddina, badhaadhinafi misooma waaraa uummata Baarbeedoosiif taasisaniif carraa gaariin akka mudatuun hawwaniiru.

Walitti hidhamiinsa cimaafi tumsa biyyoota lameenii cimsuuf waloon kan hojjetan ta’uus ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply