Dorgommiin Hundeeffama Waggaa 65ffaa Ajaja Duultoota Addaa RIB Sababeeffachuun Gaggeeffame Injifannoo Biniyaam Malaakii Fi Wuddinesh Alamuun Goolabame

You are currently viewing Dorgommiin Hundeeffama Waggaa 65ffaa Ajaja Duultoota Addaa RIB Sababeeffachuun Gaggeeffame Injifannoo Biniyaam Malaakii Fi Wuddinesh Alamuun Goolabame

AMN PLUS – Guraandhala 07/2018

Hundeeffama waggaa 65ffaa Ajaja Duultoota Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Sababeeffachuun dorgommiin fiigicha fageenya Kiloomeetira 10 Magaalaa Hawaasaatti gaggeffamera.

Dorgommichi koorniyaa lameeniin atileetoota kan hirmaachiise yoo tahu koorniyaa dhiirotaan atileet Biniyaam Malaak gama koorniyaa dubartootaan ammoo atileet Wuddinesh Alamuu injifannoon goolabaniiru.

Ajajaan Olaanaa Duultoota Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa dorgommiin gaggeeffame hundeeffama waggaa 65ffaa Ajaja Duultoota Addaa kabajuuf qofaa osoo hin taanee humnichi nageenya biyya keenyaa eegsisuu keessattis hojii hojjechaa jiru agarsiisuuf itti yaadamee kan qophaa’e ta’uu dubbataniiru.

Koorniyaa lameeniin tokkoo tokkoo atileetoota dorgommicha olaantummaan goolabaniif badhaasni birrii kuma 500 kan kenname yoo tahu walumaagalatti namootni kuma 10 caalan dorgommicharratti hirmaataniiru.

Kabajni guyyaa hundeeffama waggaa 65ffaa Ajaja Duultoota Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa guyyaa har’aa sirnoota garaagaraan kabajamuu eegale torban tokkoof kan itti fufu tahuun hubatameera.

Rabbirraa Hirphaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply