AMN PLUS – Guraandhala 08/2018
Itoophiyaan Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaa Sirnaan Keessummeessuu Isheef Kan Galateeffatan Komiishinarri Komiishinii Gamtaa Afrikaa Muhaammad Alii Yusuuf Gamtichi Itoophiyaanotaaf Galata Addaa Qaba Jedhaniiru.
Yaa’ichi Akka Milkaa’uuf Tattaaffiin Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Taasisan Olaanaa Turuu Komiishinarichi Ibsaniiru.
Finfinneen Teessoo Gamtichaa Ta’uu Gochaan Agarsiisuus Kan Ibsan Komiishinar Muhaammad Alii Yusuuf, Misoomni Magaalattii Dursee Bakka Qabate Miidhagina Dabalataa Yaa’ichaa Turees Ibsaniiru.
Keessattuu Inisheetiviin Ashaaraa Magariisaa Yaadama Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Ittiin Hojiitti Hiikamaa Jiru Gamtaa Afrikaafi Miseensota Gamtichaa Kan Onnachiisu Akka Of-Ilaaluun Hojiitti Akka Galan Kan Taasisu Yoo Ta’u Komiishinichis Haala Adda Taheen Hordoffii Ni Taasisa Jedhaniiru.
Itoophiyaan Waltajjiiwwan Ardiifi Idil Addunyaa Kamiyyuu Keessummeessuuf Humna Qabaachuu Isheef Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaa Guyyootaaf Gaggeeffamaa Ture Agarsiiftuu Ta’uus Eeran.
Yaa’ii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa COP-32ffaa Gara Fuulduraa Keessummeessitu Gahumsaan Akka Bahattuu Agarsiiftuwwan Jiraachuu Hubachiisuun Gamtaan Afrikaas Tumsa Barbaachiisuu Hunda Akka Taasisuu Ibsa Miidiyaaleef Kennaniin Dubbataniiru.
Iddoosaa Abdiitiin