Yaa’iin Hooggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaan Finfinneetti Taa’amaa Ture Goolabameera.

You are currently viewing Yaa’iin Hooggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaan Finfinneetti Taa’amaa Ture Goolabameera.

AMN PLUS – Guraandhala 08/18

Yaa’ii Hooggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaa Mata Duree ‘Dhiyeessii Bishaanii Itti Fufiinsa Qabuufi Sirnoota Eegumsa Qulqullinaa Nageenyummaan Isaa Eegame Mirkaneessuu; Milkaa’ina Galmoota Agandaa 2063’f’ Jedhuun Guyyoota Lamaaf Gaggeeffamaa Ture Goolabameera.

Komiishinaarri Komiishinii Gamtaa Afrikaa Muhaammad Alii Yuusuuf Goolaba Yaa’ichaa Ilaalchiisuun Ibsa Miidiyaaleef Kennaniin, Yaa’ichi Karaa Milkaa’ina Qabuun Xumuramuu Ibsaniiru.

Yaa’ichi Ajandaa Isaa Guddaa Dhimma Bishaanii Taasifachuun Gaggeeffamuu Kan Ibsan Komiishinarichi Gama Biroon Ajandaaleen Akka Nageenya Ardiichaa Waaressuun Wal Qabatee Xiyyeeffannoo Argachuun Hojii Gara Fuulduraa Kutannoon Irratti Hojjetamu Ta’u Hirmaattootni Yaa’ichaa Akka Hojimaneetti Qabachuun Kan Irratti Hojjetan Ta’a Jedhaniiru.

Dura Taa’aan Yeroo Gamtaa Afrikaa Pireezidaantiin Buruundii Ivaaristee Nidaayshiimiyee Goolaba Yaa’ii Hooggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaa Irratti Ibsa Miidiyaaleef Kennaniin Turtii Waggaa Tokkoo Gamticha Dursuu Isaaniif Kenname Sirnaan Bahachuuf Kutannoo Qabaachuu Ibsaniiru.

Keessattu Dhimmoota Yaa’ichaan Qabamaniifi Gara Fuulduraaf Irratti Hojjetamu Jedhame Hordofuun Galma Gahiinsa Isaaf Carraaquun Akka Irraa Eegamu Ibsaniiru.

Teessoo Gamtaa Afrikaa, Dippiloomaatootaa Akkasumas Bakka Bu’oota Dhaabbilee Idil Addunyaa Kan Taate Finfinneenis Keessummoota Ardii Afrikaafi Idil Addunyaa Irraa Yaa’ii Hooggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaa Hirmaachuuf Argaman Aadaa Keessummaa Simachuu Itoophiyaanotaa Ganamaa Irratti Agarsiisuun Kan Yeroo Kamiyyuu Caalaa Sirnaan Keessummeessiteetti.

Taateewwan Yaa’icha Gabaasuuf Miidiyaaleen Biyya Keessaafi Alaa Lakkoofsaan 700 Caalan Argamuun Hordofaa Turuus Ibsa Miidiyaaleef Kennameen Eerameera.

AMN Filmaatilee Qabu Maraan Yaa’ii Hooggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaa Finfinnee Teessoo Gamtichaatti Guyyoota Lamaaf Taa’ame Isiin Biraan Gahaa Tureera.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply