Balballoomii Miidiyaalee Addunyaa: Daawwannaa Seena-Qabeessa Gaaffiin Ulaa Galaanaa Itti Dhiyaate

You are currently viewing Balballoomii Miidiyaalee Addunyaa: Daawwannaa Seena-Qabeessa Gaaffiin Ulaa Galaanaa Itti Dhiyaate

AMN PLUS- Guraandhala 11/2018

Miidiyaaleen Idil addunyaa waa’ee daawwannaa pirezidaantiin Turkiyyee Rajiib Xayib Erdowaan Itoophiyaa Finfinneetti taasisan balballoomsaa jiru.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) fi Pirezidaantiin Turkiyyee Rajiib Xayyib Erdowaan marii taasisanii waliigalteewwan michooma tarsiimawaa garaa garaa erga mallatteessan booda, haala ittiin Itoophiyaan ulaa galaanaa ittii argattu irratti mari’achuu ibsuufi Turkiyeen akka deeggersa dippiloomaasii taasistu mari’achuu isaanii Anaadooluun gabaaseera.

Pirezidaanti Erdowaaniifi jilli isaanii kun dhimmoota siyaas-diinagdee irratti waliin hojjachuuf hariiroo umrii jaarraa tokkoo darbe cimsachuun itti fufsiisurratti fuuleffachuun ibseera.

Biyyootni lamaan hariiroo daldalaa isaanii cimsuun gara doolaara biliyoona Tokkootti guddisuuf waliif galuu hubatameera.

Keessumaa gama maanufaakchariingii fi koonistiraakshiniin waliin hojjachuuf waliigaltee mallateessuu dureewwan lamaanii kan kaase Anaadooluun, Yaa’ii jijjiirama qabeenya qilleensaa COP-31 Turkiyyeen keessummeessitu, itti aansuun ammoo Itoophiyaan keessummeessitu COP-32 ilaalchisuun bal’inaan mari’achuun isaanii ibsameera.

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) marii bu’a qabeessa adeemsisuu fi barbaachisummaa tarsiimoo olaanaa Itoophiyaan naannawichatti qabdu irratti waliigaltee irra gahamuu Anaadooluun beeksiseera.

Pirezidaantiin Turkiyyee Rajiib Xayib Erdowaan daawwannaa ifa ta’e Itoophiyaa Finfinneetti kibxata kaleessaa adeemsisuu isaanii beeksisuun dureewwan biyyoota lamaanii jidduutti mariiwwan hariiroo michoomaa gam-lamaanii irratti fuuleffate taasifamuu fuula X (Twitter duraanii) Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) wabeeffachuun kan gabaase ammoo ‘CGTN’ dha.

‘Africa news’ gabaasa isaan, pirezidaantiin Turkiyyee bara faranjootaa 2015 booda waggaa 10’nii as Itoophiyaa daawwachuu isaanii yaadachiisuun Itoophiyaa fi Turkiyyeen michoota yeroo dheeraa jaarraa tokko lakkoofsise ta’uu isaanii kaaseera.

Biyyootni lamaan waliigaltee daldalaa mallatteessuu isaanii gabaasa isaan eereera.

BBC, Rooyitarsi, TRT Afrikaafi kanneen biroos akkasuma xiyyeeffannoo olaanaa kennuun daawwannaa seena qabeessa kana irratti gabaasaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply