Finfinneen Dubaay Haaraa Afrikaati Yoon Jedhe Arbeessuu Hin Tahu – Miseensa Paarlaamaa Keeniyaa

You are currently viewing Finfinneen Dubaay Haaraa Afrikaati Yoon Jedhe Arbeessuu Hin Tahu – Miseensa Paarlaamaa Keeniyaa

AMN PLUS- Guraandhala 11/2018

Finfinneen jijjjiirama saffisaa galmeessaa jiraachuu michootni ishee fagoofi dhiyoo jiiran dhugaa qabatamaa magaalatti keessa jiru bu’uureffachuun carraa argatan hundaan ibsaa jiru.

Dhugaa qabatamaa jijjiirama Finfinnee dubbachuun nurra jiraataan ibsuun ijoo dubbii miidiyaalee kan tahee Miseensi Paarlaamaa Keeniyaa Juuneet Mohaammad tibbana Yaa’ii Gamtaa Afriikaaf yeroo dhufan waan hin regne arguu ibsan.

“Finfinneen Dubaay Haaraa Afrikaati yoon jedhe arbeessuu hin tahu” jechuun waa’ee jijjiirama magaalatti ragaa baheera.

Miseensi Paarlaamaa Keeniyaa Waa’ee jijjiirama saffisaafi qulqullina qabu Finfinneen galmeessaa jirtu dinqisiifachuun Keeniyaan irra barachuun akka irra jiraatus yaadachiiseera.

Finfinneen jijjiiramuun kanneen biroof bu’aa malee miidhaa akka hin qabne hubachiisuun keessatti hawaasa Baha Afrikaa gama dinagdeen walitti fiduu keessatti shoora akka qabaatus abdii qabaachuu Miseensi Paarlaamaa Keeniyaa dubbateera.

Keeniyaan piroojektii daandii misooma koriidarii Sudaan Kibbaa waliin walitti hidhamiinsa qabdu cimsuuf hojjechaa jirtu gara Itoophiyaattis babal’isuun biyyoota ollaa waliin hariiroo cimaa akka qabaattu taasisaas ibseera.

Itoophiyaan biyyoota Afrikaa keessaa biyya gatii salphaan humna elektirikaa dhiyeessitu tahus kan ibse Miseensi Paarlaamaa Keeniyaa Juuneet Mohaammad Keeniyaan kanas fayyadamaa jiraachuu hubachiisuun kun bu’aa guddaa tahuu kaaseera.

Haala waliigalaan Finfinneen jijjiirama roga maraan galmeessaa jirtuun Dubaayi haaraa Afrikaati yoon jedhe gurra guddisuu hin tahuu kan ibse Miseensi Paarlaamaa Keeniyaa kun Keeniyaan irraa barachuun jijjiirama qabatamaa fiduuf qophooftu tahuu qabdi jechuun dubbachuu ragaan Keeniyaatti Imbaasii Itoophiyaa irraa argame ni mul’isa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply