Humnootni Tigraayi keessa beekamtii seeraa malee socho’an ergama alagaa milkeessuuf gadadoo uummata Tigraayi dheeressaa jiru- Obbo Geetaachoo Raddaa

You are currently viewing Humnootni Tigraayi keessa beekamtii seeraa malee socho’an ergama alagaa milkeessuuf gadadoo uummata Tigraayi dheeressaa jiru- Obbo Geetaachoo Raddaa

AMN PLUS- Guraandhala 14/2018

Humnootni Naannoo Tigraayi keessa beekamtii seeraa malee socho’an ergama alagaan itti kenname milkeessuuf jecha, gadadoo uummata Tigraayi dheeressaa jiraachuu Waajjira Ministira Muummeetti Gorsaan Dhimmoota Baha Afriikaa Ministira Muummeefi Pirezidaantiin Paartii Simrat Obbo Geetaachoo Raddaa himan.

Dhalattootni Naannoo Tigraayi magaalaa Finfinnee jiraatan dhimmoota waqtaawaa irrattii mari’achaa jiru.

Sosochiin jijjiirama naannoo Tigraayi barbaadu waltajjii “Nagaan Uummata Keenyaaf, Jijjiiramni Abdii Egereef” jedhuun qopheesse kana irratti waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa hordofee nagaa naannoo Tigraayitti dhufe duubatti deebisuuf humnoota biyyoota alagaa waliin hojjetan irratti cimsanii akka qabsaa’an hirmaattonni himaniiru.

Obbo Geetaachoo Raddaa wayituma kana akka jedhanitti, “Qaamoleen jijjiirama barbaadan rakkoo siyaasaa Naannoo Tigraay keessa jiru furuuf mari’achuun isaanii murteessaadhaan” ibsaniiru.

Uummatni Tigraay osoo sagaleen rasaasaa qalbii isaa keessaa hin ba’in akkasumas rakkoo sana hordofee turerraa osoo hin bayyanatin ammallee qaamolee waraana malee jiraachuun itti ulfaatuu fi dheebuu aangoo ofii isaanii guuttachuuf jireenya dhalootaa irratti kanneen qumaaraa taphataniin qormaatni uumamuu kaasaniiru.

Gocha biyya diiguu kana fudhachuu dhiisuun uummatni Tigraay wareegama hin barbaachisne irraa of baraaruu akka qabu Obbo Geetaachoo Raddaa dhaamaniiru.

Daawwit Kabbadaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply