Finfinneen Tajaajila Indaastiriiwwaniif Lafa Hektaara 90 Dhiyeessiteetti – Aadde Adaanech

You are currently viewing Finfinneen Tajaajila Indaastiriiwwaniif Lafa Hektaara 90 Dhiyeessiteetti – Aadde Adaanech

AMN PLUS – Guraandhala 13/2018

Dameen Indaastirii Wiirtuu Guddina Biyyaa Tahuu Mootummaan Cimsee Amana Kan Jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Magaalattitti Tajaajila Indaastiriiwwaniif Kan Oolu Lafti Bal’ina Hektaara 90 Qabu Kennamuu Ibsaniiru.

Kunis Kutannoo Mootummaan Lammiileen Akka Hojjetan Jijjiiramaniif Qabu Agarsiisaas Kan Ibsan Kantiibaa Adaanech Lafa Tajaajila Indaastiriiwwaniif Oolu Kennuu Qofa Osoo Hin Taane Sektarichaaf Baajatni Birrii Biiliyoona 7 Caalu Ramadamuullee Hubachiisaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Indaastiriiwwan Bakka Itti Oomishanii Gara Gabaatti Haala Mijataa Argatanii Gabaa Biyya Keessaafis Tahe Gabaa Alaaf Akka Dhiyeessanis Haalli Mijataan Uumamu Himaniiru.

Keessattuu Naannawaa Hojii Indaastiriiwwan Oomishaa Mijataa Taasisuu Irraa Eegalee Daandiiwwan Sadarkaa Isaanii Eeggatan Akka Ijaaraman Akkasumas Walitti Hidhamiinsa Gabaa Uumuunis Hanga Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Waliin Hariiroo Jabaa Qabaachuun Indaastiriiwwan Oomisha Isaanii Gabaa Alaaf Dhiyeessuu Akka Danda’anillee Taasifamuu Ibsaniiru.

Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaalliittitti Kan Ijaarame Kilaastarri Indaastirii Guddaan Jiraachuu Akka Fakkeenyaatti Kan Kaasan Aadde Adaanech Kilaastarichi Ulaagaa Hunda Kan Guute Bakka Bittaafi Gurgurtaa Oomishaalee Indaastirii Gahaa Bu’uuraalee Misoomaa Waliin Guuttate Qabaachuus Hubachiisaniiru.

Mootummaan Waan Irraa Eegamu Taasisaa Jiraachuus Kan Ibsan Kantiibaa Adaanech Indaastiriiwwan Ammoo 24/7 Hojjechuu, Humna Namaa Gahumsa Qabu Horachuuf Leenjii Kennuun Gahoomsuu Dabalatee Kutannoo Qabaachuu Akka Qaban Ibsaniiru.

Iddoosaa Abdiitiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply