Riifoormii Damee Diinagdee Irratti Taasifame Hudhaalee Indaastiriiwwan Keessa Turan Furuun Bu’uura Kaa’era – Kantiibaa Adaanech

You are currently viewing Riifoormii Damee Diinagdee Irratti Taasifame Hudhaalee Indaastiriiwwan Keessa Turan Furuun Bu’uura Kaa’era – Kantiibaa Adaanech

AMN PLUS – Guraandhala 13/2018

Riifoormiin Diinagdee Irratti Taasifame Finfinneef Carraa Addaa Fidee Dhufuu Kantiibaan Magaalaa Finfinne Aadde Adaanech Abeebee Ibsan.

Jijjiiramaan Dura Indaastiriiwwan Hudhaalee Hedduu Keessa Turu Kan Ibsan Aadde Adaanech Erga Riifoormiin Damee Diinagdee Irratti Taasifamee Garuu Humni Oomishtummaa Indaastiriiwwan Biyya Keessaa Dadammaquun Hojii Bu’aan Dabaalame Kennaa Jiraachuu Aadde Adaanech AMN waliin turtii taasisaniin ibsaniiru.

Sosochiin Itoophiyaan Haa Oomishtuu Yaadama Ministira Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD)’n Hojiitti Galame Bu’aa Buusuu Bira Darbee Lammiileen Oomishaalee Biyya Keessatti Akka Fayyadaman Taasisuun Ibsameera.

Kaleessa Indaastiriiwwan Maqaan Malee Hojiin Finfinnee Keessa Akka Hin Turiin Kan Ibsan Kantiibaan Itti Aanaa Magaalaa Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay Har’a Garuu Indaastiriiwwan Lakkoofsaan 3800 Caalan Oomishaalee Qulqullina Qaban Dhiyeessaa Jiraachuu Ibsaniiru.

Sosochiin Itoophiyaan Haa Oomishtuu Umrii Gabaabaa Keessatti Jijjiirama Hunda Galeessa Kan Fide Yoo Tahu Humna Oomishtummaa Indaastiriiwwan Kaleessa Baay’ee Gadi Aanaa Ture Dadammaqsuun Finfinnee Dabalatee Dameen Indaastirii Akka Biyyaatti Guddina 66% Caalu Gumaachuun Ibsameera.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply