‘Teelee Istiriimii’ Tajaajila Haaraa Itiyoo Teeleekoomiin Ifoome

You are currently viewing ‘Teelee Istiriimii’ Tajaajila Haaraa Itiyoo Teeleekoomiin Ifoome

AMN PLUS – Guraandhala 13/2018

Itiyoo Teeleekoom hojimaata haaraa ‘Teelee Istiriimii’ karaa salphaa taheen maammiltootni itti fayyadamuu danda’aan hojii eegalchiiseera.

Tajaajilichi qabiyyeen garaagaraa bashannana, dhimma fayyaa, barnootaa kanneen biroo of-keessaa qaba jedhameera.

Hoji raawwachiistuun olaantuu dhaabbata Itiyoo Teeleekoom Fireehiwoot Taammiruu maammiltoota dabalee dhaabbileen oomishaa tajaajila isaan karaa salphaan akka dhiyeessan kan gargaaru tahuu ibsaniiru.

Itiyoo Teeleekoom tarsiimoo haaraa waggoota sadan dhufaniif qabateen dijiitaal Itoophiyaa 2030 dhugoomsuu keessatti shoora addaa akka taphatuus ibsameera.

Tajaajila isaa biroodbaandiingi kooppeerii irraa gara faayibeeritti jijjiiruun tajaajila si’ataafi qulqullina qabu akka kennus ibsaniiru.

Dabalataan tajaajila 4G magaalota 1069, 5G magaalota 28, ‘telecloudy’ dhaabbilee 800 walitti fiduun kan danda’ameefi lammiilee biyyattii miiliyoonaa 87.5 ta’an moobaayilii akka fayyadaman tahus ibsameera.

Lammiileen miiliyoona 58.6 ta’an ammoo tajaajila ‘telebirr’ argachaa jiraachuun himameera.

Dirribaa Yaadataatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply