Miidhagina Dhugaa Finfinnee Toorotni Miidiyaalee Hawaasummaa Idil Addunyaa Akkamiin Ibsan?

You are currently viewing Miidhagina Dhugaa Finfinnee Toorotni Miidiyaalee Hawaasummaa Idil Addunyaa Akkamiin Ibsan?

AMN PLUS- Guraandhala 13/2018

Bifti haaraa Finfinnee miidhaginaa fi simboo addaa uffate miidiyaa hawaasummaa sadarkaa addunyaatti beekaman garaa garaa irratti naanna’uun dinqisiifannaan itti fufeera.

Guyyoota muraasa dura Pirezidaantii Turkiyee Rajiib Xayyib Erdowaan daawwannaa Finfinneetti yoo taasisan simannaan taasifameef suur-sagaleedhaan erga gadhiifamee booda miidiyaaleen hawaasummaa hedduu wal harkaa fuudhuun waa’ee miidhagina Finfinnee ijoo dubbii taasifataniiru.

Toorri X (Twitter duraanii) ‘International Observer’ jedhamu bu’uuraalee misoomaa magaalaa Finfinnee keessatti hojjataman dinqisiifachuun, biyyoota sadarkaa jalqabaa jedhaman tokko tokko irra haala fooyya’aa ta’een kan hojjatame ta’uu ibsee jira.

“RussiaNews’ gama isaan ‘imaanaa ajaa’ibsiisaa’ barreeffama jedhu mata duree godhachuun viidiyoo waa’ee jijjiirama Finfinnee ibsu fuula miidiyaa hawaasummaa isaa irratti qoodeera.

Toorri miidiyaa hawaasaa “South Asia Index’ jedhamu, Finfinneen Kanaan dura maqaa gaariin kaafamaa kan hin turre ta’uu eeruun amma garuu Viidiyoo Simannaa Pirezidaanti Erdowaan heddumminaan qoodamaa akka jiru ibseera.

Toorri miidiyaa “Chak Hum” jedhamu ammoo Magaalaan haaraa kun Moodeela Haaraa Bashannanaaf filatamaa ta’e jechuun waa’ee miidhagina Finfinnee dinqisiifateera.

Maqaa magaalota Afriikaa fi Eeshiyaa keessa jiran tokko tokko caqasuun, “Maaliif akka Finfinnee hin taatan? jechuun gaaffiin kaa’eera.

Dabalataanis, toorri X (twitter duraanii) Shama Junedo Finfinneen daayimandii Afriikaa ta’uu qabdi jechuun ibseera.

Gama biraan toorri miidiyaa ‘Africa First’ jedhamu gama isaan, viidiyoo Finfinneen irratti mul’attu qooduun, “Kun Ameerikaa Niwu Yoork ykn Chaayinaa Beejing miti, Bakki itti Pirezidaanti Edrowaan mul’atan kun Itoophiyaa, Finfinneedha” jechuun hordoftoota isaaf qoodeera.

Viidiyoon simannaa Erdowaan mul’isu sa’aatii 24 hin guutne keessatti namoota Miliyoona Shan caalaniin ilaalamuun isaas akkasuma ibsameera.

Miidhaginni Finfinnee sadarkaa Addunyaatti hawaasa hedduu ajaa’ibsiisaa jiru kun seenessa hin malle Afriikaan ittiin kaafamaa turte gara qajeelaatti akka jijjiiru akkasuma hubatameera.

Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply