AMN PLUS – Guraandhala 15/2018
Itoophiyaan seenaa kaleessa ture yaadachaafi kabajaa, har’a seenaa keewwachuuf misooma seenaa tahuu hojjechaa jirti jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee.
Kantiibaa Adaanech kana kan jedhan sochii ispoortii hawaasaa Abbootii kaleessa dhiigaafi lafee isaanii aarsaa taasisuun daangaa biyyaa kabachiisuun uummata isaanii boonsan yaadachuuf godaambaa yaadannoo injifannoo Adawaatti gaggeeffamerrattidha.
Saganticharratti ergaa kan dabarsan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Itoophiyaan seenaa kaleessaa yaadachaafi kabajaa misooma guutuu tahuu ishee labsu kutannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Iccitiin guddaa injifannoo Adawaa keessa jiru tokkummaafi walooma abbootiin kaleessa agarsiisan tahuu kan ibsan Kantiibaa Adaanech dhalootni har’aas misooma biyyi itti jirtu tumsuun ashaaraa mataa isaa keewwachuu akka qabu imaanaa jedhaniiru.
Kantiibaa Adaanech Adawaan har’aa misooma tahuu kaasuun akka fakkeenyaattis ashaaraa Itoophiyaanota maraa kan tahe Hidha Haaromsaa Guddichaafi misooma garaagaraa magaalotni hojiitti hiikaa jiran tahuu ibsaniiru.
Aadde Adaanech dhalootni har’aa iccitii guddaa injifannoo Adawaa kaleessaa kan tahe tokkummaafi walooma isaa cimsachuu akka qabus waamicha dhiyeessaniiru.
Waltajjichs irrattis Baga Mallattoo Kabaja Injifannoo Gurraachotaa Yaadannoo Adawaa Geessan jedhaniiru.