Darbiin Kaaba Landan olaantummaa Arsenaal 4-1’n xumurame

You are currently viewing Darbiin Kaaba Landan olaantummaa Arsenaal 4-1’n xumurame

AMN PLUS – Guraandhala 15/2018

Shaampiyoonaa PL baranaa ta’uuf kaataa kan jiru Arsenaal dirreen ala imalee Tootenaamiin goolii 4-1’n injifate.

Maanchester Siitiin ga’umsa gaariidhaan duubaa hordofuunsaa deeggartoota Arsenaal dhiphina keessa kan galche ta’ullee Arsenaal qabxii murteessituu sadii milkeesseera.

Tapha har’aa irratti E. Ezeen goolii lama, Yokoreesh goolii dabalataa lama lakkoofsisuun Arsenaaliin abbaa mirgaa taasisaniiru.

Arsenaal qabxii 61’n dursummaasaa yoo itti fufsiisu, tapha tokko kan isa hafu Maanchester Siitiin ammoo qabxii 56’n 2ffaarra jira.

Arsenaal torban dhufu Chelsii waliin Emireetis irratti morkata.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply