Galgala Tootinaam vs Arseenaal Akka Sibilaa Ulfaatu : Tapha Darbii London

You are currently viewing Galgala Tootinaam vs Arseenaal Akka Sibilaa Ulfaatu : Tapha Darbii London

AMN PLUS – Guraandhala 15/2018

Jalqabumarraa barri wal dorgommii 2025/26 kilaboota lameen Tootinaamiifi Arseenaaliin baay’ee walirraa fageessera.

Tootinaam walakkaa qabxii Arseenaal qaba. Kan Tootinaam 29 yoo tahu kan Arseenaal ammoo shallaggii herregaan ni argattuu jechuudha.

Barana Arseenaal shaampiyoonummaa liigichaaf carraa qabaan taphachaa ture.

Amma garuu qabxii duraan walitti qabate firfirsee fixee, Maanchistar Siitiin akka galaanaa irra bahuuf garaagarummaa qabxii 2 qofatuu gidduu isaanii jira.

Tootinaam kilabni masaanuu Arseenaal ammoo akka bara kanaa qoramee hin beeku.

Tootinaam bara darbe shaampiyoonaa waancaa liigii Awurooppaa ture barana pirimeerliigiin zoonii balaawaa keessa jira, gadi sigigaachuu danda’a yoo jedhamuu amanuuf nama rakkisa.

Arteettaa leenjisaan Arseenaal osoo ilaaluu akka nama gingilchaatti bishaan waraabuu taheera. Guutuufii dideera.

Tootinaamis leenjisaa irra deddeebiin jijjiiruun ala homaa fiduu hin dandeenye. Inumaayyuu kilabichi gadi malee ol deemaa hin jiru.

Ammoo Tootinaam leenjisaa fuula haaraa Higoor Tuudoorii hanga dhuma baranaatti mallatteessifateera.

Tootinaam barana jalqabarraa qabee madaalliin tapha isaa sirrii hin turre.

Arseenaal ammoo dhiyeenyuma ka’ee gahumsi agarsiisaa ture jalaa miliquun deeggartoota gumgumsiiseera.

Kilaboota gahumsa gadi aanaa akkasii qaban lameen Tootinaamiifi Arseenaaltuu har’a galgala biiftuu lixxe sa’atii 1:30 tti beellama qaba.

Taphni darbii kilaboota magaalaa London akka baroota darbanii ho’ee deeggartoota gama lameenii onnachiisuu dhiisuu mala.

Gahumsi kikaboota lameenii barana hagas mara waan hin taaneef jechuudha.

Qabxiin 3 argamtu garuu kan injifateef damma daammuuti. Tootinaam yoo mo’e zoonii balaawaa liigichaarraa ol siquuf carraa qaba.

Arseenaalis injifannaan carraa shaampiyoonummaaf qabu amma tahee ni bal’ifata.

Qixa kan bahan taanaan garuu dubbichi wal fudhatan akka baduuti.

Miirri tapha darbii yoo deebi’eef Arseenaal tapha darbii magaalaa London irratti olaantummaa qaba.

Taphoota dhiyeenya waliin taphatan 7 keessaa Arseenaal 6 injifate 1 qabxii qooddachuun ragaadha.

Taphni darbii kilaboota magaalaa London beellamni har’a galgalaa Tootinaam vs Arseenaal garuu waan hundaan tapha boqonnaa haaraadha.

Fageenyi Istaadiyeemota kilaboota lameen gidduu jiru 6KM kan hin caalle yoo tahu galgala kana Tootinaam abbaa dirree taphaati.

Taphoota biroo torbee 27ffaa pirimeerliigii Ingilaandiin Nootingihaam vs Liveerpuul, Sandarlaandi vs Fuulhaam akkasumas Kiristaal Paalaas vs Wolviis sa’atii wal fakkaataa 11:00tti taphatu

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply