AMN PLUS- Guraandhala 15/3018
Ergaa Ministira Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD)
Damee qonnaan jijjiirama fiduuf hojiilee hojjetamaa jiran keessaa qabeenya bishaanii lafa irraafi lafa jalaa misooma jallisiif oolchuun isa ijoodha.
Iddoowwan kanaan dura fayidaa osoo hin kenniin turan yeroo ammaa jallisiin gara giddugala misooma qonnaatti jijjiiramaa jiru.
Naannawaan lagni Bilaattee itti argamu ammoo kanaaf fakkeenya ta’ee kan eeramudha.
Naannawichatti abbootii qabeenya dhuunfaa hirmaachisuun misoomni fuduraa babal’aan hojjetamaa jiru.
Kunis tattaaffii birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf taasifamu kan deeggarudha.