AMN PLUS – Bitootessa 02/2018
Waltajjiin marii Yaadama Mootummaa Ida’amuu Dhaabbilee Amantaaf Jedhu Kutaalee Magaalaa Finfinnee iddoowwan garaagaraatti gaggeeffameera.
Qondaaltootni hojii mootummaa Magaalaa Finfinneefi hirmaattotni kan irratti argama waltajjii marii gaggeeffame kanarratti yaadotni bu’uura waloomaa qaban ka’uun yaada wal-jijjiiraniiru.
Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee bakka bu’uun waltajicha irratti sanada marii kan dhiyeessan Obbo Masrashaa Habtee walitti dhufeenya hawaasummaa cimsuuf dhaabbileen amantaa bakka sirrii tahuu ibsaniiru.
Hirmaattotni waltajjichaas sanada mariif dhihaate irratti yaadafi gaaffii qaban kaasuun ibsi kan itti kenname yoo tahu, deeggarsa mootummaan dhaabbilee amantaaf taasisuus ajaa’ibsiifachuun galateeffataniiru.
Waltajjicharratti Wajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneetti Itti Gaafatamaa Hordoffii Dhaabbilee Obbo Mollaa Nugus dabalatee qaamoleen garaagaraa hirmaataniiru.
Gabaasni kan Bayyanaa Taaddasaati