AMN PLUS – Bitootessa 07/2026
Jilli Itoophiyaa Ministira Maallaqaa Obbo Ahimad Shideetiin durfame tumsa Itoophiyaafi Itaalii caalmaatti cimsuuf qondaaltoota Itaalii waliin Magaalaa Roomitti mari’ateera.
Marichaan Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee, Itti Aanaa Ministira Dhimma Alaafi Tumsa Idil-Addunyaa Itaalii Edmoondoo Kiri’eel waliin mari’ataniiru.
Mariin biyyoota lameenii tumsa dinagdee, misooma, invastimantiifi misooma damee dhuunfaa babal’isuu dabalatee tasgabbiifi walitti hidhamiinsa naannawwaa irratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.
Marii kanaan Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee sagantaa haaromsa dinagdee gooroo Itoophiyaa ilaalchisee ibsa kan kennan yoo ta’uu, hojiiwwan tasgabbii dinagdee gooroo cimsuuf, haala invastimantii fooyyessuuf, guddina dinagdee itti fufiinsa qabufi hirmaachisaa ta’e deeggaruuf taasifamaa jiru ifatti kaasaniiru.
Deeggarsi Itaaliin yeroo dheeraaf dameewwan misoomaa adda addaa irratti Itoophiyaaf taasisaa turtees dinqisiifachuu isaanii ibsameera.
Itti Aanaan Ministira Dhimma Alaa fi Tumsa Idil-Addunyaa Itaalii Edmoondoo Kiri’eel gama isaaniitiin, guddina dinagdee cimaa Itoophiyaan galmeessaa jirtu kan dinqisiifatan yoo ta’uu, biyyattiin tasgabbii naannawwaa gaanfa Afrikaa keessatti dagaagsuuf gahee guddaa akka qabduufi utubaa jabduu dinagdee naannawwichaa akka taates himaniiru.
Dabalatanis, waadaa siyaasaa cimaa Ministirri Muummee Itaalii Joorjiyaa Meelooniin dinagdeefi misooma Itoophiyaa deeggaruuf xiyyeeffannoo guddaa akka qaban ibsamuu ragaan Ministeera Maallaqaa irraa argame ni mul’isa.
Marii gamlamee adeemsifameen tumsa bu’a qabeessa gidduu isaanii jiru caalmaatti babal’isuuf waliin hojjechuu akka itti fufan waliigaluun ibsameera.