Duudhaan waloomaa baatii sooma Ramadaanaa keessa mul’ate itti fufuu akka qabu Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa dhaame

You are currently viewing Duudhaan waloomaa baatii sooma Ramadaanaa keessa mul’ate itti fufuu akka qabu Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa dhaame

AMN PLUS – Bitootessa 09/2018

Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Ayyaana Iidal Fixrii Sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarseera.

Ibsicha kan kennan Pirezidaantii Itti Aanaan Mana Marichaa Sheek Abdulkariim Sheek Badraddiin baga Ayyaana Iidal Fixrii bara Hijiraa Waggaa 1447ffaan nagaan ittiin isin gahe jedhaniiru.

Hawaasni Muslimaa Ji’a Ramadaanaa guutuu Ibaadaafi Kadhannaan dabarsanii, toltuu ji’icha keessa hojjachaa turre hundaa jabeessuun itti fufuu qabnaa jedhaniiru.

Akkaataa Barsiisa Amantaa Islaamaatiin Baay’ina lakkoofsa Maatiirratti hundaa’uun gara Dirree Salaataatti deemuun duratti Zaqaatul Fixrii baasuun dirqama tahuu dubbataniiru.

Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatti Pirezidaantii Itti Aanaafi Hogganaan Damee Hajjiifi Umraa Mahaammad Saalii (PhD) Ayyaana Iidal Fixrii yeroo kabajnu harka qalleeyyii bira dhaabbachuu, tokkummaa cimsuu, Obbolummaa jabeessuufi jaalalaan dabarsuu qabnaas jedhaniiru.

Sirnoonni guyyicha raawwataman hunduu akkaataa Barsiisa Amantaa Islaamaatiin tahuu akka qabu dhaamuun, Iidni akkuma addeessi mul’ateen Manni Marichaa Hawaasa muslimaa biyyattiif kan ibsu tahuu hubachiisaniiru.

Addeessi Roobii har’aa galgala kan mul’attu yoo tahe, guyyaan Ayyaana Iidal Fixrii Kamisa boruu kan tahuufi yoo kan hin mul’anne tahee ammoo Iidni Guyyaa Jimaataa akka tahu Manni Marichaa beeksiseera.

Gabaasni kan Mahaammad Toofiq

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply