‎Jijjiiramaan booda kuufamni maallaqaa Itoophiyaa dachaa 10 oliin guddate

You are currently viewing ‎Jijjiiramaan booda kuufamni maallaqaa Itoophiyaa dachaa 10 oliin guddate

‎AMN PLUS- Onkoloolessa 18/2018

‎Ministirri Muummeen FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) gaaffilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’uuta ummataa irraa ka’aniif deebii yoo kennan, jijjiiramaan booda kuufamni maallaqaa Itoophiyaa dachaa 10 oliin guddachuu ibsaniiru.

‎Galii fooyyessuuf hojiin hojjatameen barana galii Birrii Tiriliyoona Tokko walitti qabuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuu himaniiru.

‎Al-ergiin guddachuu kan dubbatan Ministirri Muummee, baatii 4 keessatti Al’ergii irraa galiin argame kan Waggaa tokko dura waggaatti argamu hin dandeenye akka ta’e kaasaniiru.

‎Liqaa Itoophiyaa hir’isuuf hojiin bal’aa hojjatamaa jiraachuu kaasuun liqaa daldalaa akka fooyya’uuf mariin taaaifamaa jiru bu’aa qabatamaa guddaan jiraachuu dubbataniiru.

‎Itoophiyaarra liqaan jiru kan biyyoota biroo irra jiruun walbira qabamee yoo ilaalamu Isa xiqqaa ta’uu ibsaniiru.

‎Riifoormii booda kuufamni maallaqaa Itoophiyaa dachaa 10 oliin dabaluu kan dubbatan Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi, liqaan Baankii Daldalaa Itoophiyaa irra ture Birrii Biliyoona 900 ta’u akka kaffalamu taasisuuf Dhaabbata Faayinaansii guddaa kana oolchuun akka danda’ame ibsaniiru.

‎Itoophiyaan guddina biyyootni muraasni qofa galmeessan galmeessuu danda’uu ibsuun invastimantiin alaa hedduu gara Itoophiyaa dhufaa jiraachuullee eeraniiru.

‎Riifoormii eegalame bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu ibsuun Itoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta’uuf adeemsi eegaltes haala gaarii irra jiraachuu dubbataniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply