AMN Plus- Onkoloolessa 19/2018
Sanyii beeyiladaa Itoophiyaa fooyyessuu irratti hojiiwwaan hojjetaman cimsuuf xiyyeeffannaan akka hojjetamu Ministirri Qonnaa, Addisuu Araggaa ibsan.
Obbo Addisuun Itooohiyaan addunyaa irraa lakkoofsa beeyiladaa hedduu qabaattuyyuu bu’aa maluuf irraa argataa akka hin jirre ibsaniiru.
Ga’umsi qabdu olaanaa ta’us gara biyya alaatti kan ergamu baayyee gadi bu’aa ta’uu kan dubbatan ministirichi rakkoowwan jiran hiikuun oomishaafi oomishtummaa guddisuuf hojjatamuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Horsiisa beeyiladaa ammayyaa’aa gochuun xiyyeeffannaa addaa ta’uu ibsanii giddugala horsiisa beeyiladaa ammayyaa hojiitti galchuuf hojichi cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Sanyii beeyiladaa fooyyessuutiin horii maalaa fi lukkuuwwan irratti raawwii fooyya’aan jiraachuu ibsanii, sanyii hoolaa fi re’ee fooyyessuu irratti garuu sadarkaa barbaadameen akka hin hojjatamne kan ibsan Obbo Addisuun, hojii dabalataa akka gaafatu akeekaniiru.
Dhiyeessii beeyiladaa irratti dallaaltoonni seeraan alaa fi qaraxni dabalataa akka jiru ibsuun, qindoominni qaamolee qooda fudhattootaa murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Deetaan ministira qonnaa Dooktar Fiqiruu Raggaasaa gama isaaniin rakkoowwan damicha keessatti mul’atan adda baasuun mala dhahuuf tarsiimoon waggaa 5 qophaa’uu isaa dubbachuu isaanii TOI gabaaseera.
Waltajjiin marii walitti hidhamiinsa misooma beeyiladaa qindaa’aa, daldala foonii alaa fi dhiyeessii horii qalmaa irratti xiyyeeffate adeemsifameera.