AMN Plus- Onkoloolessa 29/2018
Godambaan Saayinsii, Itoophiyaan guddina teekinooloojii irra ga’uu qabdu kan mul’isu ta’uu Anga’ootni Olaanoo Paartii Badhaadhinaa Finfinnee daawwatan ibsan.
Hoogganaan Biiroo Barnootaa Naannoo Hararii Obbo Geetuu Nagawoo, Muuziyemiin Saayinsii kalaqaafi saffisa sammuu dhala namaa kan agarsiisu yommuu ta’u, Itoophiyaan gara fuulduraatti illee eessa akka geessu kan agarsiisuufi dhaloota egeree qaruuf kan fayyadu akka ta’e AMN’tti himaniiru.
Itti gaafatamaan Damee Siyaasaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Wallagga Bahaa Obbo Bajjii Moosisaa, “Godambaan Saayinsii innooveeshiniifi teekinooloojii bakka tokkotti qabachuu eeruun, biyyattiin badhaadhina gama maraa agarsiisaa jiraachuu kan ittiin mirkaneeffannedha” jechuun dubbataniiru.
Daayirektarri Itti Aanaa Abbaa Taayitaa Mirga Qabeenya Kalaqa Sammuu Obbo Indaalaa Moosisaa gama isaaniin mootummaan jijjiiramaa dhaloota qaruu irratti hojjataa jiraachuuf muuziyemiin kun ragaa ta’uu ibsuun, muuxannoowwan misooma magaalaa Finfinnee saffisaafi kalaqaan hojjataman naannolee biyyattii hunda keessatti babal’achuu akka qaban ibsaniiru.
Malkaamuu Abbabaatu gabaase