“Ilaalcha Mootummaa Ida’amuutiin Guddina Dameewwanii”! Mata duree jedhuun leenjiin guyyoota walitti aanan 11f hooggantoota olaanoo Paartii Badhaadhinaaf kennamaa ture cuunfaa fi adeemsa hojii kabajamoo pireezidaantii Paartii keenyaa fi Ministira Muummee Dr.Abiy Ahimad kennaniin xumurameera.
Kabajamoo pireezidaantiin paartii keenyaa Badhaadhina hundagaleessa biyya keenyaa yeroo gabaabaa keessatti mirkaneessuuf hojiiwwan misooma dam-daneessaa hojjetamaa jiran daran babal’isuu fi ol guddisuuf gaafiiwwan uummataa dam-daneessaan misoomuu deebisuuf hojiiwwan qajeelfama kalaqaa fi ariitiitiin baay’isuun raawwatamuu akka qabaatu kaasaniiru.
Akkasumas fuulduratti galmawwan xiyyeeffannoo hooggansaa barbaadan dabalatee ramaddiidhaan adda baahuun kallattiiin kan kaa’ame yemmuu ta’u hooggansis kaka’uumsa olaanaan raawwachuuf waada seeneera.
Leenjiin dhimmoota adda addaa irratti magaalaa Adaamaatti laatamaa ture kuni guyyaa dheengadda Oromiyaatti, akkasumas guyyaa kaleessaa Finfinneetti yaada paartii keenyaatiin hojiiwaan misoomaa adda addaa hojjetaman daaw’achuun fi sirni muuxannoo wal jijjiiruus kan itti gaggeeffame ture.
Daaw’annaa keenyaan kan arganne milkaa’inoonni hedduun abjuu guddaan,cimina hooggansaa fi hirmaanna hundagaleessa uummata keenyaan Badhaadhinni Itoophiyaa kan hin oolle ta’uu bu’uurota mul’isaniidha.
Milkaa’inoonni argaman akkuma eegamanitti ta’ee fuulduratti waan haaraa baay’ee ni uumna. Ni saffisna. Badhaadhina Itoophiyaa ni dhugoomsina!”