Waggootii 8 darbaniif guyyaas ta’e halkan yeroo hirribasheelle uffata aadaa malee uffata biraa hin fayyadamtu.
Bonaa ganna, roobaafi aduun, dhiqqeefi dhukkeen ishee hin daangessine. Uffatni aadaa uffata idileesheeti.
Kanumaafis Komishinii Turizimii Oromiyaa dabalatee, qaamoleen hedduun beekamtii kennaniiruufi. Yeroo ammaa AMN Dijitaal keessa Ogummaa Gaazexeessummaan kan hojjettu Daraartuun, qophii Kaaribuu AMN PLUS irratti keessummaa taatee dhiyaatteetti.
Lixa Oromiyaatti dhalattee kan guddattee Gaazexeessitu Daraartuu Tarreessaa, ummatni Oromoo akkuma saba bal’aa ta’e aadaan uffannaafi falaasamni isaa guddaadha kan jettu Gaazexeessituu Daraartuu Tarreessaa, kalaqni aadaa uffannaa isaas bal’aa akka ta’e ibsiti.
Aadaafi sirni Oromoo dhiibbaa heddu jala akka ture kan ibsituu Daraartuun, waan Oromoo miidhagaa kana maafan hin mul’isneen kaayyoo koo turee jetti.
Aadaan uffannaa biyya alaatii dhalaamee dhaloonni amma uffachaa jiru, duudhaafi safuu ummata oromoo waliin kan hin deemne baay’eetu jira jetti. Haalli uffannaa faashinii biyya alaa kun biyya itti oomishameef hiika mataa isaa qabaachuu danda’a kan jettu Daraartuun biyya keenyaatti dizaayinii baay’een safuu duudhaa Oromoo waliin kan deemu mitis jetti.

”Qarominaafi faashinii haara qofa hordofuu osoo hin taane hiikkoo isaallee beeknee uffachuun qabna” jetti.
Yeroo ijoollummatti dabree dabree uffata aadaa warri isheedha bituu kan himtu Daraartuun, erga guddattee of dandeessee booda uffannaan ishee uffataa aadaa qofa akka ta’e ibsiti.
”Yeroo uffanni aadaa oromoo kun dhiibbaa adda addaa jala ture sanitti namoonni natti siqan baay’een siif dhiibba qabaa jedhanii yeroo itti sodaa natti himaa turanillee cichoominaan uffachuun kayyoo koo har’aan gahadheera” jetti.
”Uffannaa durii haawwan keenya uffachaa turan guyyaan uffadhee maanguddoon hedduun uffata durii kana eessaa fidee akkan uffachaa jiru na gaafaatu” jetti.
Amma namoonni kabajaafi safuu guddaa uffata aadaaf waan qabaniif bakkan deemutillee iddoo guddaa isheef akka kennan dubbatti Gaazexeessituu Daraartuu Tarreessaa.
Yeroo hundaa uffata aadaa uffachuun namatti tolaa? jedhamtee kan gaafaagamtee Daraartuun inni guddaan sammuu ofii amamsiisuudha malee aduu, roobni dhoqqeen uffata aadaa uffachuu waan nama dhoorkuu miti jetti.

Duraan ilaalchi uffannaa aadaa kanaarratti namoonni qabaniif gaarii akka hin turiin kan himtu Daraartuun, amma garuu sun hunduu jijjiiramee namoonni akka itti gammadaan ibsiti.
”Yeroo amma kana uffata aadaa uffachuu kootin kabajaas argadheera” jetti. Uffata godinaalee hundumaa gosa gosaan qabdi. Kan Booranaa gosa 9 hodhisiifatte, kan godina kaaniis yoo xiqqaate shan shan qabdi.
”Uffata aadaa uffachuun bakka hin taanellee akka hin dhaabbannee nama taasisa, Innis uffanni aadaa kabajaa guddaa namatti waan horuuf yeroo hunda bakka kabajaa filatta” jette
Uffata aadaa kanaan Ambaasaaddara uffata aadaa ta’uun Komishinii Turizimii Oromiyaatirraa beekamtiifi badhaasas argachuu akka dandeessee ibsiteerti.
Of durattillee uffata aadaa kana duudha ganamaa akka ibsuu danda’utti beeksisuu akka barbaaddu dhaamtee jirti.
Shuumii Badhaasootiin