Murtoo shira xaxameen Itoophiyaan ulaa Galaana Diimaa akka dhabde Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsan.
Ambaasaaddar Diinaan turtii AMN PLUS waliin taasisaniin “ulaa galaanaa dhabuu beekna malee akkaataan itti dhabnee ifaa miti” kan jedhan, seera maleessa ta’uu ibsaniiru.
Shira kaleessa xaxamee sirreessuuf Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) walga’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarratti ejjennoo Itoophiyaa sirriitti ibsuu himan.
Murtoo kaabineen hin beekneen ragaa tokko malee maal na dhibdeen faayidaa biyyaaleessaa murteessaa kan ta’e ulaa galaanaa Itoophiyaan dhabu akka dandeesse Ambaasaaddar Diinaan dubbataniiru.
Kanaaf ulaa galaanaa argachuuf yaada Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatiin karaa nagaa fi dippiloomaasiin akka itti deemaniif dhaaman cimsanii itti fufuu akka qaban eeraniiru.
Daraartuu Tarreessaatu Qindeesse