Fiilmiin mata duree “Sila Innat Midir” jedhuun Haleellaa Ajaja Kaabaafi Duula Seera Kabachiisuu taasifame irratti xiyyeeffate badhaasa ‘African Movie Academy’ injifateera.
Fiilmichi Bitootessa 14/2016 kan eebbifame yoo ta’u, damee ‘Vissual Effect’ irratti badhaafameera.
Waqtii waraana Kaabaatti Raayyaan Ittisa Biyyaa naamuusa waraanaa eegee duula olaantummaa seeraa kabachiisuu geggeesse fiilmichi sirriitti mul’isa.
Waqtii san duulli maqa balleessii gaggeeffamaa ture, fiilmiin kun garuu dhugaa Raayyaa kan agarsiiseefi haga biyyoota alaatti agarsiisuun dhugaan kun akka hubatamu hojjetameera.
Qulqullinni “Vissual Effect” isaa sadarkaa Afriikaatti dorgomaa ta’uun Naayijeeriyaatti badhaafameera.
Tagany Bafiqaaduutiin