Kantiibaa Adaanech Abeebeen Hospitaala Yaadannoo Zawudituu haala addaan ammayyeeffamee ijaarame eebbisan

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech Abeebeen Hospitaala Yaadannoo Zawudituu haala addaan ammayyeeffamee ijaarame eebbisan

AMN PLUS- Sadaasa 6/2018

Kantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Hospitaala Yaadannoo Zawdiituu haala addaan babal’ifamaa fi haaromfamaa ture hojii eegalchiisaniiru.

Hospitaalli buleessi Yaadannoo Zawdiituu akkaataa magaalaa Finfinnee madaaluun hojiin babal’isuu hojjetamaa ture xumuramuun meeshaalee yaala fayyaa ammayyaa yeroon barbaadu guutumuun har’a ifatti hojii eegaleera jedhan Aadde Adaanech.

Hojiin Babal’isuu Hospitaala Yaadannoo Zawdiituu kun giddugala yaalaa olaanaa, Gamoo abbaa darbii 10 lafa Kaaree meetira kuma 1 fi 800 qubdatee fi tajaajila ciibsanii yaalamuu, sireewwan 320 kan qabuu ta’uu kaasan.

Kunis tajaajila Hospitaalichi waggoottan 91 oliif kennaa ture dachaan guddisa jedhan.

Hojii Magaalaa Finfinnee giddugala Tuurizimii Fayyaa taasisuuf hojjetamaa jiru caalmaatti kan guddisu ta’uu eeran.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply