Uummata Walloo Kamisee arguuf hawwiin yeroo dheeraa milkaa’uutti akkaan gammaduu Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) himan.
Dooktar Abiyyi guyyaa har’aa Naannoo Amaaraa Godina Saba Oromootti, hawaasa Walloo Kamisee waliin mari’ataniiru.
Simannaa ho’aa taasifameef booda haasawa taasisaniin, “Hawwii bara dheeraa booddee ijaaf ijaan isin arguu kootti onnee kootu gammade” jedhan.
Walloon uummata seenaa guddaa qabu ta’uu kan kaasan Dooktar Abiyyi, uummata gootummaafi jaalalaan beekamu ta’uu himani.
“Uummata gootummaan, jaalalaan, hojjetee buluun, ollaa nyaachisuufi ollaaf nagaa kennuun beekamudha” jedhan.
Ijoollummaarraa kaasee seenaa keessan dhagahaa, eenyummaa keessan baraa waan guddadheef lapheen koo yeroo hunda isin bira ture jedhaniiru.
Waqtiilee ramadaanaa sadiis uummata Walloof ergaa akka imaanaatti ergaa akka turan Dooktar Abiyyi yaadachiisaniiru.
Tagany Bafiqaaduutiin