Balaa sigiga lafaa Indooneeshiyaa bulchiinsota naannoo Giddugaleessa Jaavaa lama keessatti uumameen yoo xiqqaate lubbuun namoota 18 darbeera.
Rooba cimaa guyyoota shanan darbanitti bulchiinsota lamaan keessatti roobeen, lafti sigigaatee namoota 18 yoo galaafatu, namootni 33 ta’an ammoo haga ammaa eessa akka ga’an wanti beekame akka hin jirre Gareen Lubbu baraaraafi barbaachaa beeksiseera
Tajaajilli Raaga Haala Qilleensaa biyyattii roobni cimaa ammallee itti fufuu akka danda’u yaadachiisuun lammiileen akka of eeggatan yaadachiisuu Anadolu fi BBC’n gabaasaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin