Itoophiyaafi Sa’ud Arabiyaan walitti dhufeenya obbolummaa barootaaf ture cimsuu irratti mari’atan.
Biyyootni lameen hariiroo gama aadaa, amantaafi daldalaatiin qaban daran cimsuun guddina diinagdee ariifachiisuuf hojjetamuu qabas jedhan Ministir Deetaan Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhaminsa Naannawaa Dr.Abdullaakim Muluu.
Keessattuu Carraa investimentii gama qonnaa, maanufaakcheringiifi tekinoloojiin Itoophiyaan qabdutti fayyadamuun Misoomsuu akka danda’anis eeraniiru.
Ministira Ministeera Biyya Alaatti Daayirektara Jeneraalaa Biyyoota Giddugala Bahaafi Eeshiyaa Paasfik Ambaasaaddar Dawwaanoo Kadir, Fooramiin Kun fedhii Investeroota Biyyoota lameenii kakaasuun Damee Investimentii daran babal’isuuf qooda olaanaa qabaa jedhan.
Investeroonni Fooramicharratti hirmaatan yaada kennaniin fedhii investimentiif qaban daran milkeessuuf carraa guddaa kan isaaniif uume ta’uu ibsaniiru.
Abdiisaa Fufaatu Gabaase.