Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) gitasaanii Maaleezhiyaa Daatoo Seerii Anwaar Ibraahim daawwannaa hojii guyyoota sadiif gara Itoophiyaa dhufan simataniiru.
Dooktar Abiyyi karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin “Baga nagaan gara dachee argama dhala namaa kan taate Itoophiyaatti dhuftan” jedhan.
Daawwannichi hariiroo fi tumsi biyyoota lamaanii guddachaa dhufuu agarsiiftuudha jedhan.
Daawwannaa yeroo murteessatti taasifamu ta’uu Dooktar Abiyyi kaasaniiru.