Guddattootniifi dargaggootni carraa AI’tti fayyadamuu qabu – Kantiibaa Adaaneech Abeebee

You are currently viewing Guddattootniifi dargaggootni carraa AI’tti fayyadamuu qabu – Kantiibaa Adaaneech Abeebee

AMN PLUS -Sadaasa 11/2018

Guddattootniifi dargaggootni carraa Hubannoo Nam-tolchee AI’tti fayyadamuu akka qaban Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaaneech Abeebee ibsan

‎Inistiitiyuutii Aartifeshaal Intalajensii Itoophiyaa tibbana wayita daawwatanitti, “milkaa’ina jijjiiramaan mul’atan keessaa tokko dhaabbata kaayyoo Itoophiyaa ceesisuu dandeessisu kan akka AI ijaaruun murteessaadha” jedhan.

Sadarkaan amma AI’n Itoophiyaan irra jirtus dinqisiifataniiru.

‎Sadarkaa amma addunyaan irra jirtuun dorgomanii birmadummaa biyyaa eegsisuuf dandeettii AI gabbifachuun akka barbaachisus Kantiibaa Adaaneech dubbataniiru.

‎Barbaachisummaa AI hubachuun giddu galicha Itoophiyaatti hundeessuun jijjiirama qabatamaa amma sadarkaa biyyaatti mul’ate kun akka dhufuuf gumaacha olaanaa Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) taasisaniif galateeffataniiru.

Guddattootniifi dargaggoonnis carraa kanatti fayyadamuun yaada isaanii gumaachuun teekinooloojii AI kanaan akka of gahoomsaniifi bu’a qabeessa ta’anis dhaamaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply