Finfinneen Aadaa, Amantaafi Eenyummaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaaf dursa ni kennit- Aadde Buzeenaa Alkadir

You are currently viewing Finfinneen Aadaa, Amantaafi Eenyummaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaaf dursa ni kennit- Aadde Buzeenaa Alkadir

‎AMN PLUS-Sadaasa 11/2018

‎Magaalaan Finfinnee Aadaa, Amantaafi Eenyummaa Saboota magaalitti keessa jiraataniif dursa kennuun akka beekamtu Af-yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Alkadir ibsan.

‎Manni Maree Magaalaa Finfinnee Ayyaana Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa 20ffaaf Magaalaa Hosa’aanaatti kabajamuu ilaalchisuun Abbootii Amantaa, Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee, Dargaggoota, naannolee hunda irraa dhufan waliin mari’achaa akka jiru ibsameera

‎Kaayyoon marii kanaas walitti dhufeenya Sabootaafi Sablammootaa cimsuun akkasumas tokkummaa isaanii cimsuun qormaata mudachuu danda’an waloon injifachuuf humna akka ta’es Aadde Buzeenaan ibsaniiru.

‎Baroota jijjiiramaa kana Seenaa waloo ijaaruuf bu’urri kaa’ameera kan jedhan Aadde Buzeenaan, Hidhi Haaroomsaa guddichi Itoophiyaa agarsiiftuu guddaa keessaa isaa tokko akka ta’es ibsaniiru.

‎Mootummaan fayyadamummaa Sabootaafi Sablammootaa mirkaneessuuf hojiin eegalame akka itti fufu ibsuun, naannoolee biyyatti hunda keessatti Pirojeektonni gurguddoon ijaaramaniifi ijaaramaa jiran agarsistuu akka ta’es kaasaniiru.

‎Geetaahun Katamaatu Gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply