Nageenya daandii mirkaneessuu fi balaa tiraafikaa ittisuuf qaamoleen hundinuu tumsa taasisuu akka qaban Ministirri Geejjibaa fi Loojistikii Alamuu Simee (PhD) ibsan.
Duula hubannoo nageenyaa uumuu Magaalaa Hosaa’inaatti taasifame irratti kan hirmaatan Alamuu Simee (PhD), balaan tiraafikaa miidhaa guddaa lubbuu namaafi qabeenyaa irraan gahaa akka jiru kaasaniiru.
Itoophiyaatti balaan konkolaataa % 70 hanqina gahumsaa fi of eeggannoo dhabuu konkolaachiftootaatiin kan uumamu ta’uu ibsuun, qaamni hunduu waliin hirmaatee ittisuun akka barbaachisus cimsanii dubbataniiru.
Balaa tiraafikaa fi nageenya daandii irratti hubannoo uumuuf xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjstamaa akka jirus ibsaniiru.
Keessattuu hojiin hubannoo uumuu kun dhaabbilee tajaajila geejjibaa uummataa fi konkolaachiftoota konkolaattota gurguddaa irratti cimee itti fufuu akka qabus akeekaniiru.
Mootummaanis hojimaata seeraa ogummaa konkolaachistootaaf hayyamu hojiirra oolchuun lubbuu namootaafi qabeenyaa balaa irraa baraaruuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsuun isaanii TOI’tu gabaase.