Hojiileen misoomaa magaalaa Finfinneetti hojjetame agarsiiftuu jalqabbii badhaadhinaa akka ta’e Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa muuxannoo qooddatan ibsan.
Hoggantoonni kunneen guyyoota darban leenjii hoggansaa fudhachaa kan turan yoo ta’u, daawwannaa Magaalaa Finfinnee keessatti taasisaniin “misoomni hojjetame galmoota badhaadhinaa kan mirkaneessuudha” jedhaniiru.
Paarkii Araadaa, Misooma qarqara laggeenifi Giddu gala tajaajila iddoo tokkoo Addis Masoob daawwachuu isaanii ibsaniiru.
Iddoowwan misooman kanneen akka Manneen jireenya waliinii, giddu gala gabaa tasgabbii gabaatiif hojjetame, Godaambaa Saayinsiifi misooma damee fayyaa irratti hojjetame daawwachuun muuxannoo qooddachuu isaanii dubbataniiru.
Geetaahun Katamaatu gabaase.