Turizimii Itoophiyaa hambaa irraa gara dhangaatti jijjiiruu akka barbaachisu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) hubachiisan.
Dooktar Abiyyi Ahimad leenjii hoggantoota olaanoo Paartii Badhaadhinaa mata duree “Guddina Dameelee, Ilaalama Mootummaa Ida’amuutiin” jedhuun kennaniiru.
”Turizimii ammatti hambaan isaa jira” kan jedhan Ministirri Muummee, haa ta’u malee, dhangaa ta’uu akka hin dandeenye dubbataniiru.

”Hambaawwan madda galii ta’uu danda’an sadarkaa itti suphuullee hin dandeenyerra qaqqabnee turre” kan jedhan Dooktar Abiyyi, baasii tuuristiin baasu Tajaajila madaalu mijeessuufi nagaafi tasgabbii mirkaneessuun barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru.
Hawwata tuuristii qabaannus, bakka gahumsaa yeroo wajjin deemu mijeessuun akka barbaachisu kaasaniiru.
Hawwataafi bakka gahumsa tuuristii Wal simsiisuuf hojjachuun, hambaawwan kanneen gara dhangaatti ceesisuun akkka eegamu ibsaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin