Atileetoonni fiigicha guddicha daandiirraa Kiiloo Meetira 10 har’a Magaalaa Bishooftuutti fiigame injifatan badhaafaman.
Atileet Biqilee Ambassaa fi Geetaanee Mollaan tokkoon isaanii Meedaaliyaa Warqeefi Birrii kuma 500 badhaafamaniiru.
Atileet Hawwii Fayyisaa fi Cimdeessaa Dabalaatokkoon tokkoo isaanii Meedaaliyaa Meetiifi Birrii kuma 200 fi kuma 50 badhaafamaniiru.
Atileet Girmaawiit G/Igzahaabeerii fi Biiniyaam Malaak Meedaaliyaa Nahaasiifi Birrii kuma 100 badhaafamaniiru.
Leenjiftoonni Atileetii Biqilee Ambassaa fi Atileet Geetaanee Mollaas tokkoon tokkoo isaanii Birrii kuma 100 badhaafamaniiru.
Ajajaan Olaanaa Humna Qilleensaa Itoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa dorgommiin kun wagga waggaan akka itti fufu ibsaniiru.
Assagid Kidaanamaariyaamtu gabaase