Guyyaa Saboota, Sablammoota fi Uummattoota Itoophiyaa kabajuun eenyummaa Saboota Sablammootaa fi Uummattoota Itoophiyaatif beekamtii kennuu akka ta’e Af-Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aaganyaw Tashaagar ibsan.
Af-Yaa’iin Mana Maree Naannoo Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abduramaan “Gujiin fakkeenya walooma Saboota, Sablammootaa fi Uummattoota biyya kanaati” jedhan.

”Sirna Federaalizimii dhugaa hojiirra oolchuu fi badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf kutannoon hojjetaa jirras” jedhaniiru Aadde Sa’aadaan.
Guyyaan heerri mootummaa ragga’e kun ”Waliigaltee Dimokiraatawaa Tokkummaa Sabdaneessaaf” mata-duree jedhuun akka Oromiyaatti Godina Gujii Lixaa Magaalaa Bulee Horaatti Kabajamaa jira.
Misikkir Alamaayyootu gabaase