Ministirri Muummee Itti Aanaa FDRI Tamasgeen Xurunaa Gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa U-17 Waancaa Afrikaaf darbuu ilaalchisee ergaa “Baga Gammaddan” jedhu miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniiru.
Obbo Tamasgeen, “gama ispoortiin guddattoota irratti jabaannee yoo hojjanne kubbaan miilaa keenya waltajjiiwwan ardiifi idil addunyaatti yeroon itti ol jedhee mul’atu fagoo miti” jechuun ibsaniiru.

Gareen Biyyaalessaa Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Umurii 17 gadii waggaa 22 booda Waancaa Afrikaa CECAFA’f Keeniyaa 3 fi 0’n injifachuun darbuu isaa mirkaneeffateera.
Taanzaaniyaa, Ugaandaa fi Itoophiyaan tapha waancaa Afrikaa bara 2026 qopheessummaa Moorokoon adeemsifamu irratti biyyoota Bahaa fi Giddu Galeessa Afrikaa bakka bu’Uun dorgomu.