Nageenyaafi guddina dam-daneessa Itoophiyaatti galmaa’aa jiruuf ga’een hojjettootaa ol’aanaadha- Obbo Adam Faaraah

You are currently viewing Nageenyaafi guddina dam-daneessa Itoophiyaatti galmaa’aa jiruuf ga’een hojjettootaa ol’aanaadha- Obbo Adam Faaraah

‎AMN PLUS -Sadaasa 23/2018

‎Yaa’iin Waldaalee Konfedereeshinii Hojjettoota Idil Addunyaa 37ffaan akka Afrikaatti yeroo jalqabaaf Magaalaa Finfinneetti adeemsifamaa akka jiru ibsame.

‎Faayidaafi mirga hojjettootaa Itoophiyaa mirkaneessuuf mootummaan Waldaa Konfedereeshinii Hojjettootaa waliin cimsee hojjechaa akka jiru Pirezidaantiin Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsaniiru.

‎Nageenyaafi guddina dam-daneessa Itoophiyaatti galmaa’aa jiruufis ga’een hojjettootaa ol’aanaa akka ta’e Obbo Adam dubbataniiru.

‎Walitti dhufeenya hojjetaafi hojjechiisaa bu’aa qabeessumman cimsuuf hojjetamaa akka jiru Pirezidaantiin Waldaa Konfedereeshiinii Hojjettoota Itoophiyaa Obbo kaasaahun Foolloo ibsaniiru.

‎Hojjechiisaan iddoo hojii mijataa uumuufi Kaffaltii madaalu akka kaffalu akkasumas hojjettoonnis dandeettii oomishittumaa isaanii akka guddisanif hojjetamaa akka jiru Obbo Kaasaahun himaniiru.

‎Barreessaa olaanaan Waldaalee konfedereeshinii Addunyaa Luuk Triyaangil gamasaaniin, guddina Itoophiyaan galmeessaa jirtu dinqisiifachuun, “hojjettootaa dabalatee rakkoolee idil addunyaa hedduu furuuf Itoophiyaan biyya dandeettii qabduudha” jedhan.

Zallaqaa Oljirraatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply