AMN PLUS-Sadaasa 23/2018
Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin, lammiileen Chaayinaa viizaa malee biyya isaanii akka seenaniif imaammata heyyamu kaleessa mallatteessaniiru.
Lammiileen Chaayinaa daawwannaaf gara Raashiyaa dhaqan guyyoota 30’f viizaa malee turuu akka danda’an ibsameera.
Akkaataa imaammata Puutin mallatteessan kanaatti haga Fulbaana Bara 2026tti lammiileen Chaayinaa Paaspoortii qaban Raashiyaa seenuu, maatii isaanii bira turuu, taateewwan siyaas-diinagdee, aadaafi hawaasumaa, ispoortii, saayinsaawaa irratti hirmaachuufi daawwachuuf mirga guyyoota 30 akka qabaatan eerameera.
Akkaataa imaammatichaatti lammiileen Chaayinaa hojiif Mooskoo dhaqan hin hammataman. Haaluma kanaan barattootni, qorattootni, konkolaachiftootniifi hojii geejjiba
kamiyyuu wajjin wal qabatan, mirga kanatti akka hin fayyadamne ‘Xinhua’n gabaaseera.
Waqtii bonaa daawwattoota Chaayinaa %30 hamma %40 ta’an daawwannaaf Raashiyaatti akka imalan kan ibsan Pirezidaantiin Waldaa Tuurizimii Raashiyaa Aleksaandar Muusiikin kunis guddina damee tuurizimii biyya isaaniif gumaacha olaanaa qabaachuu dubbataniiru.
Qondaalli Ministeera Misooma Diinagdee Raashiyaa Niikiitaa Kondiraatiyeev gamasaaniin, lakkoofsi tuuristoota Chaayinaa dachaan dabaluu eeruun, haga jalqaba bara faranjootaa 2026tti tuuristootni Chaayinaa Miliyoona 2 ol akka biyya isaanii daawwatan ibsaniiru.
Chaayinaanis lammiileen Raashiyaa paaspoortii qaban viizaa malee akka daawwatan yoo heyyamtu, kunis baatii Amajjii dhufaa jiru irraa eegalee yaaliif hojiirra akka oolu ibsameera.
Malkaamuu Abbabaatiin