Ministirri Muummee Itti Aanaan FDRI Obbo Tamasgeen Xurunaa,“Ragaan Istaatistiksii Guddina Afrikaa mirkaneessuuf kallattii misoomaa ittiin qajeelfamnudha” jedhan.
Obbo Tamasgeen wayita walgahii Waggaa 19ffaa Daayirektoreetii Waliigalaa Koree Istaatistiksii Biyyaalessaa Biyyoota Miseensota Gamtaa Afrikaa mata duree ‘Haqaa fi beenyaa Afriikaa fi Latiinsa Afrikaaf’ jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jiru jalqabsiisanitti akka ta’e miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Galmoonni misoomaa fi fooyyessi diinagdee mandhalee Itiyoophiyaan hojiitti hiikaa jirtu ragaa amanamaa akka barbaadu walga’icharratti ergaa dabarsaniiru.
Istaatitiksii amanamaa fi misoomni tokko ta’uu eeruun, ragaa Istaatistiksii imaammataa fi tarsiimootiif bu’uura cimaa ta’uu beeksisaniiru.
wixineewwan galmaan gahuuf dameen Istaatitiksii riifoormii keessa darbuu eeruun, Itoophiyaan damicha teekinooloojiin deeggaruun hojii cimaa hojjechuu ibsaniiru.
Ragaan Istaatitiksii dhugaa akka biyyaattis ta’ee akka ardiitti i jirru agarsiisuu akka danda’u kaasaniiru.
Dhaabbileen Istaatistiksii Afrikaatti bilisummaa jabeessuu, faayindaansii waaraa mirkaneessuufi sirna odeeffannoo cimaa uumuurratti xiyyeeffannoo kennanii hojjachuu akka qaban yaadachiisaniiru.